Quantcast
Channel: The Gulele Post » Analyses
Viewing all articles
Browse latest Browse all 12

Karaan Sobaan Dabran Gala Nama Dhiba

$
0
0

Jawaar Muhammad

Marii Obbo Abdulaziiz Muhammadiifi Obbo Kumaa Dammqsaa, dhimma ‘Maastar Pilaanii ilaalchisee, TVO waliin gaafa Ebla 26,2014 godhan kutaa duraa amman daawwadhe. Ibsi isaan godhuuf yaalan kan fudhatamu ta’uu dhiisaatii gaafilee biroottu kan kaasu ta’eetin arge.

1) Dura, jarri lamaan akka hoggantoota ‘Boordii’ Maastar Pilaanii kanaatti dhihaatan. Boordiin kun yoom uumame? Aangoon isaa hoo maali? Miseensonni Boordii kanaa eenyuun ( qaama mootummaa kamiin) muudaman? Boordin kun waanuma torbannan dabran kana uumame fakkaata. Fakkeenyaaf amma dura Obbo Abdulaziiz gaafa dhimma kanarratti ibsa keenu akka ‘Itti-aanaan Pirazidantii Oromiyaa’ qofatti waamamaa ture. Har’uma maqaa Boordii maxxanfatee as baye. Kanarraa boordiin amma isaan itti waamaman kun mormii “Oromiyaafi Oromoon Pilaanii kana keessatti hin hirmaanne’ jedhu cal’isiisuuf akka bahen shakka. Dhugaan jirtu garuu bulchitoonni Oromiyaas ta’ee Oromoonni qophii Pilaanii kanaa keessatti hamma ji’a dabreettit hirmaachaa akka hin turini. Dokmantiilee Pilaanii kanaan walqabatanii bahan akka agarsiisanitti, waggoota dabran kana keessa karoora kana qopheessuu keessatti kan hirmaataa ture qondaalota Federaalaa, bulchitoota Finfinneetifi gorsitoota warra Faransaayi qofa ture.

2) Haasaya jaraa keessatti dhimmi pilaanii kun sadarkaa gubbaa hanga ummataatti irratti mari’atamee, erga manneen marii bulchiinsota lameenii raggaasisanii booda hojirra oola jedhan. Jechi kun gara lamaan rakkoo qaba. Tokkaffaa yoo yaadattan torban dabre Maanajariin ol’aanaan Maastar Pilaanii kanaa, Obbo Maatiwoos Asfaw,  Pilaana kana kan raggaasisu mana marii bulchiinsa Finfinneefi kan GODINA ADDAA naannoolee Finfinnneeti’ jechuun ni yaadatama. Fakkeenyaaf barruun Reporter gubbatti baye akkan jedha ture “የተሠራላቸው ማስተር ፕላን የተጠናቀቀ በመሆኑ ተግባርላይ የሚውለው ግን የአዲስ
አበባ ከተማ አስተዳደር ምክር ቤትና የልዩ ዞኑ ምክር ቤት ሲያፀድቁት ብቻ ነው፡፡”Eenyutu sobaa jira ree?

Lammaffaa walgahiin torban darbe Adaamatti godhame ‘Leenjii Leenjiftootaa’ jedhamee ture. San jechuun karoorri bahe gara sadarkaa raawwachiisutti (implementation)  ce’ee jechuudha. Maarree erga karoorri hojirra ooluu eegalee  booda Caffeen maal murteessa? Kana qofa miti. Akka qondaaltonni jedhanitti  bulchiinsi Finfinneefi  kan Godinni Addaa kopha kophatti pilaana baafatani san booda walitti qindeessu. Amma kan argaa jirruufi irratti mari’atamaa jiru pilaana Finfinnee kan bara 2006 (ALH) bahe. Kan Godina Addaa mee ree? Kanarraa wanni hubannu, yaanni pilaana kana heera mootummaa eeganii  sirnaan murteessisuu jedhu waan dursatti itti yaadan ta’uu dhabuufi, jarri Oromiyaa bakka bu’ee dubbatuuf wixxifatu waan deemaa jiru quba qabaachuu dhabuu isaaniiti. Wanni silaa ta’uu qabu Pilaaniin  waloo akkasii osoo hin bahin dura qaamoleen heeraafi seeran angoon kennameef mari’atanii raggaasisuudha. San booda karoorrii baha, itti aanseti gara hojirra oolchuu seenama.

3) Obbo Kumaan haasaya isaa keessatti akeekni guddaan pilaana kanaa ummata Oromoo naannawa Finfinnee jiraatu fayyaduudha jedha. Akka inni ragaa bahetti yeroo dheeraadhaaf ummanni magaalattiirraa fageenya dhihoo jiru tajaajila barnootaa, fayyaafi ibsaa argachuu hin dandeenye. Kun dhugaadha. Garuu rakkoo kana furuuf Oromoota kana Finfinnee alagaan bultu jala galchuutu falaa? Waggoota kurnee lama dura araddaalee akka Garjiifi Laaftoo qonnaan bulaa Oromootu irra jiraata ture. Mee erga gandoonni kun Finfinneetti makamanii (integrate godhamani) booda Oromoonni achirra turan guddina Finfinnee kanaan ni fayyadaman moo ni miidhaman? Mee Obbo Kumaan warra gaafas dachii sanirra qotataa ture kan badhaadhe dhiisii kan lubbuun baraare arguu danda’aa laata? Waggoota muraasa dura gaafa Zoonin Addaa uumamtu dhiibaa babal’inni Finfinnee Oromoota kanarraan gahu dangaa itti godhanii hambisuufi qonnaan bultoota kana fayyaduuf jedhameeti. Yaada san dhugaa se’ee waan tureef Oromoon hin mormine. Har’a yaada san eessatti gataniti Finfinnetti makuun as bayan? Walumaagalatti yaalin qondaalonni lamaan daba jiru dhoksuuf godhan waan fudhatamuu miti.

Yoo dhugumaan guddina diinagdee magaalaa Finfinneetifi Oromoota naannawa sanii fayyadu baasuu barbaachise furmaanni jiru Finfinnee bulchiinsa Oromiyaa jalatti deebisuudha. Kun Oromoota naannawa saniitifi jiraattota magaalattis ni fayyadda. Gama tokkoon Finfinnee Oromiyaa jalatti deebi’un aadaa fi eenyummaan Oromoo akka dagaagu haala mijeessuuf fayyada. Dabalataanis Oromiyaan Finfinnee dhuunfachuun karoorri guddina Finfinnee kan Oromiyaa guututiin akka walsimatu godhuuf karaa bana. Akkasumas Finfinneen Oromiyaa jalatti deebi’uun akka feetetti akka babal’attufi sirna tokkoon akka bultu godhuun jiraattonni magaalaa sanii dangeffama (restriction) malee akka dalagatan hiree kenna. Kun waan haarayaa miti. Magoonni Oromiyaa hedduun saboota biraa of keessaa qabu. Oromiyaa jalatti buluun mirgaafi dantaa isaani waan tuqe hin qabu. Finfinnees waani adda godhu tokkolleen hin jiru.  Kan ta’uu baannaan Finfinneen haadha isii Oromiyaarraa of alagoomsitee haadha isii qancarsaa ofii guddattu hin jiraattu.  Oromiyaan Finfinnee malee, Finfinneenis Oromiyaa malee jiraachuu hin danda’an.

Finfinneen gaafa dhaabattus Oromoota buqqisuuni. Hanga ammaatis dhawaataan Oromoo lafarraa duguugaa as geesse. Har’as warri Oromoo buqqaasuun ardaa isaarrattii abbaa ta’uu mi’eeffate Maastar Pilaanii Waggoota diigdamii shanan as deeman keessatti Oromoo naannawa sanii dhabamsiisuun handhuura Oromiyaatti biyya biraa uumuu baafatanii itti seenanii jiran. Karoorri kun milkoofnaan Oromoonni miliyoonota heddutti tilmaaman qe’erraa buqqa’uun faca’uun waan hin oolle. Kaleessa Gullalleen ardaa ofitirraa yoo buqqa’ee gara Baale, Arsii, Harargeefi Booranatti godaana  ture. Har’a naannoleen Oromiyaa biraatis baay’ina ummataatin dhiphatanii,  lafti hafes Arabaafi Hindiif gurguramee waan jiruuf bakka dhaqan hin qaban. Dhugaan jiru kana.

Kaleessa abbootiin keenya humnaan caalamanii, addaan faca’anii gurra waliin dhabaniit lafa ofitirraa buqaafaman. Dhaloonni har’aa osoo seenaa beekuu, osoo yakka hojjatamuuf deemu   ijaan arguu seenaa yakkaa lammataa kana taa’ee laaluu diduun waan nama boonsu. Falmaan itti fufuu qaba.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 12

Latest Images

Trending Articles





Latest Images